2019
 DAARAAN ISAA AKKA MALEE ol namatti ka'aa jira.


Poolisiin ajaja Mana Murtii kabajuu dide oduun jettu Facebookiirra deemaa jirti. Jarana biyya kufte keessa jirra miti. Biyya Heeraaf seeraan bultu keessa jirra. Qaamni seeratu jira jedhee amanee Mana Murtii dhufu, akkamiin ajaja Mana Murtii kabajuu dida? 



Kun tuffii guddaadha. Namoota shakkamanii hidhaa turan kudhaniif MMWO baatii sadii hidhaa keessa erga tursee (yeroo beellaman) dhumarratti mirga wabii eegee gadi lakkise. Poolisiin ajaja kana fuudhachuu didee jira. Akka Oromiyaatti Godiinni sadi Mana Murtii cufee jira. Hojiin idilee hojjetamaa hin jiru. Rakkoon nageenyaa naannoo sana jiraatus, Godiina lamatti sababaan hojiin dhaabbateef ini guddaan Poolisiin Abbootii Murtii reebuu isaati. Poolisiin Abbaa Murtii reebe qaama Mootummaati, komishiniin Poolisi Oromiyaa tarkaanfii miseensa isaarratti fudhate hin qabu. Obsineerra.

 Kan reebichaa hafee, ammoo Ajaja Manni Murtii Waliigala Oromiyaa kenne fudhachuu didee jira. Kana jechuun mootummaan(qaami hoji raawwachiiftuu) barbaachisummaa Mana Murtii kanatti amanaa kan hin jirre tahuu mullisa. Silaa Poolisiinis ergama Ogummaa isaa dhiisee dhiibbaa siyaasaan hojjechuun waan hin malle ture. Kun dubbii hamtuudha. Mana Murtii akkanaa keessa ta'anii(Kangaroo Court jedha Jawar Mohamed) hojjechuun hin taatu. Dhiisaa deemaa jechaas hin jiru, garuu Ejjennoo cimaa qabaachuu qabdu.

 Jijjiiramni amma jiru kan hundaati, hundat fide, hundumatu tikfachuu qaba. Manni Murtiillee qaama Mootummaa keessaa tokko waan taheef waan kana sirreessuuf hiree guddaa qaba. Taateen akkanaa mudachuu waan maltuuf Baatii Fulbaanaa keessa Caffeen Oromiyaa Labsata haaraa baasuun aangoo guddaa Mana Murtiif kennee jira. Labsiin Haaraa 216/2011 kew 48 sirna diimokiraasii diriirsuufi olaantummaa seeraa kabachiisuuf jecha Caffeen Oromiyaa xiyyeeffannoo itti kennuun kan tumeedha. Keewwatichi akkuma gaditti suuraa irraa agartan namni/qaamni ajaja

Mana Murtii hin fudhanne adabbii hidhaa waggaa 2, bilisummaa Mana Murtii kan cabse hanga waggaa 5 akka adabamu ifatti tumee jira. Kanaaf olaantumma Seera kabachiisaatii ijaarsa sirna diimokiraasiifi nageenyaa tumsaa! Qaama mootummaa hojii raawwachiiftu keessa danta adda addaaf kan socho'utu jira, kanaaf waan haqaafi seeraa gaafa hojjettan hin sodaatiinaa! Keessumaa Abbootiin Seera sadarkaa MMWO fi MMO irra jirtan bakka barbaachisuti tarkaanfii fakkeenyummaa qabu fudhachuun barsiisuu qabdu.
Horaa Bulaa!

 YouTube Subѕсrіbеrѕ - Autоmаtеd Prоgrаmѕ


Yeroo Hunda Waa'een Gudar Bitaa Namatti Ta'aa Jira!
Magaalaa gudar keessatti rakkoon hawaas-diinagdee akka malee hammaataadha.isaan keessaa isaan akka malee hawaasa kana gidirsaa jiran keessaa፦1ffaa rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu.

2ffaa Rakkoo ammaa ammee babbaduu ibsaa
# 3ffaa_Rakkoo_daandii_mijataa_dhabuudha .Ammaaf Waa'ee daandii kanaa yoo haasofne ni gaha isa kaan jenneetu dadhabne gatii ta'eefuu!
Daandiin magaalaa gudar erga hojjetamee yoo xinnaate waggaa 7 fi 8 n8 ta'a daandiin kun gaafa hojjetamu irraa Kaasee sadarkaa isaa kan hin eegganne waan ta'eef tajaajila isa irraa barbaadamuu fi turtii isa Irraa eegamu kennuu hin dandeenye.kanaafuu yeroo isaa malee caccabuun deemsaaf rakkisaa ta'ee bubbuleera!
Ni hojjennas jedhanii kontraaktaroota chaayinaa fidanii hojii isaa jalqabaniiru karaa teessoo isaanii ykn kaampii isaanii Gooroo soolee godhatan natti fakkaata......Daandii gara magaalaa gara dhumaa irra hojjetna jedhan waan jedhantu jiras odeeffannoon maaliif yoo jennu immoo Hanni waan Baay'ateef saamamaa hojjechuu hin dandeenyu jetti jedhu warri achi keessa hojjetan!
Amma egaa gara Dhimma keenyaatti haa deebinuutti Torban darbee kaasee daandii aspaaltii Magaalaa Irra jiru irratti sababii inni caccabeef jecha dhagaa bullaa'aa fidanii itti naqaniiru dhagaan sun immoo Akka malee bullaa'uu isaa irraa kan ka'e Konkolaataan yeroo darbuu fi galu
#

DAARAAN ISAA AKKA MALEE ol namatti ka'aa jira.

Kun immoo fayyaa namaaffis ta'ee biqiltootaaf gaarii miti keessattuu naannoo manneen nyaataa hawaasaa itti baayatanii fi Manneen elektirooniksii,manneen gurgurtaa huccuu fi manneen bunni jabanaa itti gurguramu waan ta'eef Dhukkeen kun akka miidhaa geessisaa jira.
KANAAFUU Bulchiinsi magaalaa Akkumma fidee naqsiisetti bishaan konkolaataa firfirsituudhaanis ta'ee waan fedheen fidee iddoo dhagaa bullaa'aa kana itti naqe sana obaasuu qaba.Fakkeenyaaf Konkolaatumma Chaayinootaa kan bishaan firfirsu sana fayyadamuu ni danda'a.Sana ta'uu baannaan garuu isa tokko miidhaa isa tokko fayyaduun aad-maleedha!.
Ayyi carraa kee Jedhe Abbaan lataa!