Tokkummaa oromoo yeroo ammaa daran akka cimuuf yaadeen barreeffama kana barreessee adaraa fuula fb keessan irratti naaf maxxansaa dargaggoonni oromoo kanneen akka kootti saba kana walitti hidhuuf yaadan haa arganii!


"YEROO KANATTI WANTA TOKKO BARBAACHISAADHA JEDHEE KANIN YAADE!
=================
Nuti ummanni oromoo bara dheeraadhaaf qabsoo daandii dheeraa nama ooftu bu'aa bayii gufuu fi gufaata lakkaawamee bira hin gayamne qabdu tana keessatti dararaa reebichaa kan hiriyaa hin qabne,hidhaaf ajjeechaa akka malee dabalatee lubbuu miliyoonota hedduutti lakkaawamu dhabneerra. Kana isinirra beekeen miti isinuu ni beektuu.

"Garuu har'a ijifannoo dhiigaaf lafeen meeqa itti caphe kana balleessuuf kan batachuu fi injifannoo tana anatu fide kan kooti jedhee ragaduu fi dhiichisu baay'achaa dhufee jira.inumaatuu kan injifannoo kana asiin gahuu dhiisii takkaa yaadaanuu deeggaree hin beekne marti arra injifannoo tanan tiksa jedhee kan ori'un arga. garuu dhugaan hadhooftuun nama gad hin seenne injifannoo tam nuuf tiksa inninuu kan ofirraa eeganii.

"Kanaaf qabsoon teenya deeggaraa baayyachaa dhufuun waanuma nuti dhugaaf jecha dhugaan qabasoofneefidha.

"Hundaa'ol "iji gamnaa dura boossi jedhu mitiiree sabni koo qaaliin" Beektonni oromoo namni quuqqaan saba isaa isa quuqu,Abbootiin gadaa,Manguddoowaan,qeerroo fi qarreenis Tokko taanee saba kanaaf gaaddisa tokko kan inni mariisaa jalatti mari'atee rakkoosaa furatu,keessattuu yeroon deemaa jirtu kun dhaabbattee waan nu hin eegneef gaaddisa jala taa'ee haala yeroo isa mudatuuf murtee tokkoon waliigalee hojiitti hiiku haa Uumnu.

"Oromiyaa iddoo maratti koree dhaabnee koreen dhaabbatte tun handhura biyyattiitti walitti dhuftee afaan tokkoon haala oramiyaa haa dubbattu.

"Akka kootitti maqaa caayaa kanaa "GAADDISA TOKKUMMAA OROMOO" Jedhee moggaaseen jira.isin hoo?
Horaa Bulaa!"
Axact

Axact

Vestibulum bibendum felis sit amet dolor auctor molestie. In dignissim eget nibh id dapibus. Fusce et suscipit orci. Aliquam sit amet urna lorem. Duis eu imperdiet nunc, non imperdiet libero.

Post A Comment:

0 comments: